Way Jiruu Ilma Namaa |
---|
Jiruun ilma namaa Nama ajaa'ibaa Xinxalani laallaan Dubbif nama dhibaa Kuun quufeet biyya hataa Sukkaara gurguree Waaqa gubbaa kaataa Abbaan lafichaa immoo Fakkaate maraataa Adeemsi hannichaas Hin galleef fakkaataa Osoo lafa qabuu Lafti isaa saamamee Gadadoon jiraataa Haga yoomif laataa? Kuun waan hatu hatee Rabbii isaa dagatee Nama isaa gadii Humnumaan to'atee Jiraachuu barbaada Karoora baafatee, Ajaa'iba! Kuun immoo rakkatee Waan argate nyaatee Jiraachuu barbaada Waaqa isaa sodaatee Tokko immoo ni jiraa Barumsaan gubachaa Sabaaf kan jiraatu Lubbuu isaa laachaa, Ajaa'iba! Tokkollee ni jiraa Garaa isaa guutee Kan sabni isaan jedhu Daaraa bubbeen fuute. Way Jiruu!!! Boruu Huseen Onkololessa 2017 |
Jimaa |
---|
Jimaa bar mukuma Kan Rabbi eebbise Callisnet qamaana Maaltu nu rakkise. |
Lakki |
---|
Lakki of baradhu Sirritti of gaafadhu Eessaa dhufe jedhi Bahi iyyaafadhu Lakki an siif hime Ammas na caqasi Gubaa laphee keetii Daf of keessaa baasi Lakki ni rakkattaa Yeroon sirraa tartee Sihii of hin bariin Biyyi bilisoomtee Gorsa obbolummaa Ani si gorseeraaa Rakkina ati qabdus Fagomatti argeeraa Ofbari ofbari Ofbari sin jedhe Gorsa sif laadheera!!! Boruu Huseen Fulbaana 2017 |